Dibata Uumamaa

Dibatni uumamaa, qulqullinaa fi bareedina gogaa qaama keenyaa ittiin eeggannu Avocadoo dha. Avocadoo akkasumatti quncisnee yoo akka daqiiqaa 15 gogaa keenyatti dibanne, fayidaawwan armaan gadii kana duu kenna: 

1. Gogaa jiidhaa taasisa, ni sooras. Vitamin E, lecithin, potassium fi nutrientota biroo hedduu qaama gogaa keenyaa gara alaatti argamu (epidermis) sooru.

2. Kulkula (inflammation) gogaa irra bakka garagaraatti argamtu, antioxidant of keessaa qabuun akka fooyya’u godha.

3. Madaa xixiqqoo, bakka aduun gube (sunburn), finnisoota xixiqqoo fi kkf gogaa fokkisisaan keemikaala amala anti inflammatory qabu avocado keessatti argamuun ni foyya’u, baduus danda’u.

4. Gogaan akka dulloomee hin mul’anneef hedduu gargaara (reduces signs of aging.

5. Qeensi (nails) akka hin caccabnee fi gogaan mataa (scalp) akka waantoota addaa adaa akka foroforii (dandruff) dhaan hin hubamne gargaara.

*********

■ Avocado kallattumaan erga ijaa fi qola isaa irraa baafnee booda, fuula keenyatti dibnee erga rignee booda, daqiiqaa 15f achumatti dhiifnee, turtii kanaa booda bishaan ho’aan sukkuumaa irraa miicuu dandeenya.

■ Zayitni avocado kan supermarkets irraa faayidaaf kanaaf gurguramu ammoo galgala dibatnee, ganama ofirraa dhiquu dandeenya.

Dr. Gurmeessaa

Galatoomaa!!!

Fayyaan faaya!!!

Fayyaa ta’aa!!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *